letras.top
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

letra de shurrubbee - gome riki tu

Loading...

ma ni–a ni–a
i’m back
gajo beatz
gome riki

shurrubbee nyaara gaaddisaa
qummuuddee maa na haarsita
ol seeni ma ala ijaajjita

karra irraan natti odeessita
garaa koo na booressita
jaalalan na bobeessita

seeqa ketan hawwe
kolfa kee bareedaa
firaa fi alagaa
gargaruu nu eega

naqamte gad dabarraan
nooraa laga didheessaa
fuula kee irraa mullata
madaan garaa kee keessaa

jaalalaan maa morkan
isa maa nu dhorkan
addaan nu facaasuuf
shiraaf kiyyoo tolchan
maal baasuu dhama raasu
anaaf si’iin basaasu
nu lachuu wal jaallate
homtuu gargar nun baasu
ha badan

jaarsi loon hin eegu
hin mamarrachiisa
an barana hin beeku
siif na sassachiisa

dhiirri baddaa keenyaa
diina sagachiisa
an barana hin beeku
siin na kakachiisa

shurrubbee nyaara gaaddisaa
qummuuddee maa na haarsita
ol seeni ma ala ijaajjita

karra irraan natti odeessita
garaa koo na booressita
jaalalan na bobeessita

jiruun koo fakkaatus
gad deebi’aa jooraa
turru illee ingarra
abbaa taa’u kooraa
lunna miti sanyiin koo
dhiira onnee sibiilaa
hin himadhu dhibee koo
yaada qofaa na miidha

loowwan warra keenyaa
sakaallaa elmatuu
aannan gaafa dhaban
darbatanii gatuu

silaa baraaf furguggee
gadi jedhanii dabarsu
gaafa isheen namaa gamte
attam godhanii obsu
hillim godhanii

jaarsi loon hin eegu
hin mamarrachiisa
an barana hin beeku
siif na sassachiisa

dhiirri baddaa keenyaa
diina sagachiisa
an barana hin beeku
siin na kakachiisa

letras aleatórias

MAIS ACESSADOS

Loading...