letras.top
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

letra de duraanuu - galaanaa gaaromsaa

Loading...

karra shaniinan itti olaseenaa
galma qabsoo qe’ee warra seenaa
hinna fiduufan dhufe handhuuraa
siifan ijaara galma araara
galmi galmeedha mandhee hayyootaa
hinna fiduunkoos galaa dhalootaa
natti sirbuudhaaf haaddatti nyaaraa
nansirba seetemoo sirnan ijaaraa

fuulleetti ilaalee dhaqee madaalee
daangaan lafaa baargamaaree?
haati dhiira wayii lamaaree?
walirratti uumee waliif nu uumee
mormi mataa dadhabaaree?
mormeen firaan wal dhabaaree?

gagaa hin sooratu abbaan dammaa
yoo hubattef dubbiin sun lama
qalbeeffannaan dubbiin kun lama
warra wal nyaatu waa nyaatanii
yoo waloomtan falaa baatanii
harka dhiigaan galaa hin nyaatani
yoom dadhabnee karaan dheeratee
yoo dabellee lafeen meelatee
xannachi yoom tiruu dhuunfatee
hololaniif takkaa hin sarminee
itti deemaa jirra cichinee
kanaaf hiikkoo ciigoo sirbinee
diinnikee diinakoo sobee si naalchaa
abbaatu waldhaannataa cabaa cinaachaa
duraanuu wayyoó edaanuu
duraanuuuu
sababni miidhamakootii miidhagakeeti
duraanuu wayyoó edaanuu
duraanuuu
sababni miidhama keenyaa miidhaga keenyaa
duraanuu duraanuu
wayyaa harcaasanii funaanuu
duraanuu duraanuu
garaadha dugddoo sittin aanuu

dafqakoon xuruurseen fide nanfide
waan ormaa hin feenu dide nandide
baarulee malee daakanuu hin toltu
sirni gaafasii sichis hin jirtu
duraanuu duraanuu duraanuu
wayya harcaasanii funaanuu
duraanuu duraanuu
yoo gamtooman diinarra aanuu

nijaarra jennaan riqicha diigaa
sirni jarreenii duubatti fiiga
xanachi hin beektu waan hidda dhiigaa
nuti oluma yaanaa jarri gadfiigaa
riqicha diigaa galaana hin ceetuu
godaannisakooso madaadha hin seetuu
inni sinnyaatiin nuufuu gugguufaa
bor nuciniinuuf har’a nusuufaa
mormaa sirbuukoo mormaan sirbuukoo
kaayyoodha laayyoodha seetee
diigee jiruukoo dhabeee tiruukoo
waanan fayyaa qabu seeta
natti haasofta akka feetee
yaa jidda yaa jidda jedhanii
yaa jiddaa yaa dachaatuu lafaa
yaa sh-ggar dachaatuu lafaa
dhaammadhu waammadhu jedhanii
dhaammatee maaltu sirraa hafaa
guullallee biyya habeebee tufaa
ushuruuruu jedheen dadhabe
urursa way garaa hin raffisuu
afuuffaan way madaa hin fayyisuu
inni kaani wacee waraana labsuu
haqakoorraa namuu nandabsuu
arrii baqadhee araanan dabsuu

diinnikee diinakoo sobee si naalchaa
abbaatu waldhaannataa cabaa cinaacha
duraanuu wayyoo endaanuu duraanuu
sababni waa dhaba keenyaa waldhaba keenyaa
duraanuu wayyoo endaanuu duraanuu
sababni danqama keenyaa waldhaba keenyaa
duraanuu duraanuu duraanuu
wayyaa harcaasanii funaanuu
duraanuu duraanuu duraanuu
maraatte diinni yoo wal taanuu
galmakoos ijaareen kutaa
ofirraan tiksa waa butaa
diinni diinumaa nuun tolu duruu
sossobbaan ormaa nunfuruu garuu
duraanuu duraanuu duraanuu
wayya harcaasanii funaanuu
duraanuu duraanuu duraanuu
yoo gamtooman diinarra aanuu

letras aleatórias

MAIS ACESSADOS

Loading...